Waallee Barumsa Afaan Oromoo Sirna Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa BulchiinsaMagaalaa Finfinnee: Xiinxala Waallee Liixxaa DubbarruuwwaniifiMallattooleerratti
Abstract
Axareeraa
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa Waallee Labsii Barumsa Afaan Oromoo Sirna Barnoota
Sadarkaa Tokkoffaa Magaalaa Finfinneerratti Xiinxala Waallee Liixxaa (Critical Discourse
Analysis) Dubbarruuwwaniifi Mallattooleerratti gaggeessuu ture. Waalleen barumsa Afaan
Oromoo irratti jiran dubbarruuwwaniifi mallattoolee irratti sadarkaa biirootii hanga
manneen barnootaatti dubbatamaniifi agarsiifaman ibsi kan itti kennameedha. Saxaxni
qorannoo kanaa mala akkamtaa keessaa tokko kan ta’e xiinxala waallee liixxaa ta’ee saxaxa
ibsaa-hiikaafi faassasaatti (explanation) gaggeessuudha. Malleen iddatteessuu qorataan itti
fayyadame mala carraa tasaafi akkayyoofi darbaa dabarsaatiini. Meeshaaleen odeeffannoon
ittiin sassaabaman daawwannaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffataatiini. Biiroo Barnootaa
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa, Kutaa Magaalotaa sadiifi hojjettoota sirna Barumsa
Afaan Oromoo irraa fi barsiisonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaarraa,
walumaagalatti namoonni 15 afgaaffiif deebii kan kennuudhan; waajjiraalee adda addaa
rraafi barsiisonnisadarka 1ffaa, walumaagalatti namoonni 19 ammoo marii gareerratti
hirmaatanii jiru. Bu’aan qorannichaa akka agarsiisutti, barumsa Afaan Oromoo ilaalchisee
dubbarruuwwaniifi mallattooleen akkasumas gochaaleen hawaasa sirna barumsa Afaan
Oromoofi sirna barumsa afaan biroo (Afaan Amaaraa) irraa hojjetan gidduutti dhaabbilee
barnootaa kanniin keessatti calaqqisan illaanya (ideology) walfaallessuun fudhatamanii kan
ibsamaniidha. Iddoo baay’eetti kana kan agarsiisan itti fayyadamni afaanii jiran dubbiifi
barreeffamaan sagantaa barumsa afaanii tokkoof qofa xiyyeeffannaa kennanii jiru;
gochaaleefi mallattooleen jiran illaanya olaantummaa afaan tokkoof xiyyeeffannoon
kennama. Illaanya itti fayyadama afaaniirratti jiru guuutummaatti walitti fiduun yoo
dadhabames dubbarruuwwan, mallattooleefi gochaalee mul’atan sagantaa barumsa
afaanotaa lamaaniif murtoo adda addaa irratti dabarsuun irratti hojjechuu barbaachisa.
Jechoota Ijoo: Waallee, Xiinxala Waallee Liixxaa, illaanya, dubbarruu
Abstract
The main objective of this research was to analyse discourse of the Afaan Oromo in the new
Language curriculum of the Primary Education System of Addis Ababa City Administration
with a particular focus on texts and other semiotics by critical discourse analysis. The
discourses on Afaan Oromoo education on texts and symbols performed at the office level and schools are explained. The design of this research is description-interpretation and
explanation, which are types of the qualitative methods used in the critical discourse analysis.
Purposive and snowball sampling techniques were employed to select subjects of the study.
The data collection tools were observation, interviews and focus group discussions. While
fifteen informants (from Ababa Education Bureau and three sub-cities and from primary
schools teachers from the sub-cities) provided data to interview guiding questions, 19
participants (from Addis Ababa Education Bureau and three sub-cities and rimary school
teachers from the cub-cities) participated in focus group discussion.. The findings of the
study indicated that there was a contradictory ideology in language use regarding texts and
symbols as well as practices of Afaan Oromoo language and that of Amharic Language. In
many places, this is illustrated by the fact that existing language uses have focused on a
language learning program in texts, existing practices and signs where inequality of
languages use, i.e., domination of one language use ideology over the other was observed
from the results of the data analysed. The researcher recommended that although the
ideologies on language use cannot be fully reconciled, the words, signs and actions that
appear need to be worked on by making different decisions for both language learning
programs.
Keywords: discourse, critical discourse analysis, ideology, texts