7. Duudhaalee Gadaa Oromoo Nagaafi Nageenya ‘Waarsuu’ Keessatti Gahee Qaban

Authors

  • sjsisadmin sjsisadmin

Abstract

Qorannoon kun duudhaalee Gadaa Oromoo nagaafi nageenya waarsuu keessatti
gahee qaban xiinxaluun dhiyeesse. Qorannoon kun mala akkamtaa fayyadame.
Qorannoo kanaaf ragaaleen funaanaman mala iddatteessuu akkayyoo fayyadamuuni.
Ragaaleen mala afgaaffii, marii garee xiyyeeffatamaafi sakatta’a barruutiin
funaanaman. Ragaalee funaannaman maleenyaa seenaa deebisanii ijaaruu
(Historical-Reconstruction Approach) fayyadamuun kan xiinxalamaniidha. Xiinxala
ragaalee taasifameen Oromoon nagaafi nageenya waloo isaa waarsuuf duudhaalee
Gadaa “Safuu, Ilaaf-ilaamee, Koottu dhufeefi sii-galeefan jedhee” akka fayyadamu
adda bahanii jiru. Duudhaalee kanneen immoo, jaarmiyaalee Gadaa Jaarsa/Araara,
Qaalluu, Shanacha-Sagliifi Seera Lukaatiin itti fufsiisaa ture. Ta’us, dhiibbaalee
keessoofi alaan, hubannaa dhaloonni duudhaaleefi jaarmiyaalee xabboof qaban
haphachuufi shira siyaasa ammayyaa wajjin walitti madaqsuu hanqachuun
duudhaalee kanneen hojiirra oolchuu irratti gufuun mudateera. Bu’aan qorannoo
kanaas, qe’een Oromoo nagaafi nageenya waaraatti deebi’uuf duudhaalee xabboo
qabutti deebi’uufi dhibdee waloo keessatti hojiirra oolchuu akka qabutu adda bahe.
Oromoon kaleessa duudhaalee kanneeniin nagaa waaraa qabuufi jaarmiyaalee
Gadaan furataa ture har’a haphachuufi fayyadamuu dhabuun nimul’ata. Akkasumas,
duudhaalee Gadaa dagatameefi maqe deebisanii akkaataa haalli ammaa barbaaduun
ijaarrachuun qe’ee ofiitti nagaa buusuun ollaa waliin nagaan jiraachuun akka
danda’amu gochuun nagaafi nageenya waloo Oromoo gidduutti waarsuun
barbaachisaadha. Yaboon qorannoo kanaas, murtoo siyaasaa waloo fudhachuun
duudhaalee Gadaa ganamaa fayyadamuun nagaafi nageenya waarsuun barbaachisaa
ta’uu akeeka. Dabalataan, duudhaalee sirna Gadaa akka sabaatti jaarmiyaa
(institution) ta’ee osoo dhaabbatee dhibdee sabaaf fala waaraa akka ta’u akeeka.
Kanaafuu, duudhaaleen kunneen deebi’anii akka ijaaramaniifi itti fufiinsaan nagaafi
nageenya Oromoo waaraa ijaaruu keessatti akka tajaajilan dhaabbilee barnootaa
sadarkaan jiran cimsuun dhaloonni akka beeku, hubatuufi itti dhimma bahu gochuu
keessatti akka qooda fudhatan gochuun daran barbaachisaa ta’a.

Downloads

Published

2024-10-28